OCHAn Dhabamuu Nageenyaatiin Rakkoo Namoomaa Godinaalee Wallaggaa Keessatti Uumame Irratti Ibsa Baase  

  • VOA

OCHA Logo

Waltti u’insaa godinaalee wallaggaa keessatti taasifamaa jiruun kan ka’ee namoonni hedduun qe’ee isaanii irraa buqqa’a, beeladoonni fi misoomaaleen bu’uraa manca’aa akka jiran dhaabbataa mootomootaa gamtomaniitti dhaabbanni qindeessa gargaraasa namoomaa OCHAn ibsaa guyyaa kaleessaa baaseen beeksisee jira.

Lakkoofsi namoottan tibbana qe’ee isaanii irraa buqa’anii iffatii akka hin bekameen kan ibsee gabasin OCHA kun, gabaasaaleen bulchiinsa naannoo irra argaman akka agarsiisanitti godina Wallagga lixaa keessaa namoonni kuma 100 kuma 6, godina Horroo Guduruu Wallagga keessa namoonni kuam 100 fi kuma 16 buqa’uu isaanii eereera.

Mootummaan naannoo Oromiiyaa bakkeewwan namoottan haaraa qe’ee isaanii irraa buqa’an keessa boqotan dabalataan hundeesaa jiraachuu isaa gabaasni OCHA kun dabale ibseera.

Karaa biraatin halaa nageenyaa kaabaa Itiyoophiyaa keessatti umameen, Sadaasa 15 amma sadaasaa 30 gidduuti dhaabileen gargaarsa namoomaa 20 ta’an midhaan nyaataa meetiriik toonii kum 19 fi 987 akkasumas, gargaarsa nyaataan alaa meetiriik toonii kuma 3 fi 20 Tigraay keessatti raabsuu isaanii OCHAn ibseera.