Roobi Yandoon Ripaablikii Dimokraatawa Koongoo Keessaa Lubbuu Namaa Galaafate

  • VOA

People inspect damage after heavy rains caused floods and landslides, on the outskirts of Kinshasa, Democratic Republic of Congo, Dec. 13, 2022.

Magaalaa guddoo Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo Kiinshaasaatti lolaa fi sigigaachuu lafaa sababaa rooba cimaatiin mudateen yoo xiqqaate namoonni 100 du’uu fi hedduu madaa’aniiru.

Muummichi ministeeraa Jiin Maaykil Samaa Lukondee ammallee reeffaa fi miidhamtoota biroo itti fufee jiraachuu dubbatan.

Akka gabaasaleen jedhaniitti jiraattonni bakkaawaa 24 naannoo magaalaa Kinshaasaa jiraatan kanneen miliyoona 12 ta’an balaa rooba yandoo kanaan miidhamaniiru.

Namoottan balaa Kanaan midhaman keessaa tokko miidhaa isaanirraagahee yemuu ibsan, manni jireenyaa fiqabeenyi isaanii hunduu manca’u isaa dubbatanii namonin, iisaan beekan hedduun du’uu isaanii fi isaan lubbuu dhaan hafuu dubbatan.

Akka angawoonni jedhanitti badiin hamaan kan qaqqabe bakkeewwan namoonni seeraan ala manneen itti ijaarratanitti.

Wagga sadiin dura, lolaa fi sigiigaachuun lafaa magaalaa Kinshaasaa keessatti namoota 32 ajjeesuun isaa ni yaadatama.