Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasa Itoophiyaa akka ibsetti vaayirasiin infuleenzaa ,utaalloo fi kooviid 19 saffisaan babal’achaa akka jiru ibsera.
Daarektarri olaanaa inistiitiyuutichaa Dr. Masaayii Hayiluu Sagaalee Ameerikaatti akka himanitti, torbeewwan jahan darban keessatti tatamsa'inni Covid-19 dachaan dabaleera.
Dhiheenya kana namoonni dhukkuba utalloon qabaman baay'achaa kan jiran yoo ta'u, namoonni sSgaaleen Ameerikaa dubbisee haalli dhiibbee utaalloo amma mul'achaa jiru kun hammaataa ta'uu ibsan.