Yuuba Aaga Xeenxanoo ‘Daadhii Dhugan’

Yuubi Aaga Xeenxanoo

Yuubi Aaga Xeenxanoo Kamisa galgala lubbuun isaanii darbee jira. Fuula Gadaa Oromoo jechaan ka beekaman Aaga Xaanxanoo ka dhibee dhiyeenya isaan mudateef yaala fudhataa turanii kaleessa magaalaa Shaakkisootti lubbuun isaanii darbuu Waajjirri Aadaa fi Tuurizimii Godina Gujii VOA’tti himee jira.

Obbo Aduulaa Mi’eessaa itti gaafatamaan waajjirichaa Aaga Xeenxanoo Oromoof Gadaa lafaa dhaloota ammaaf kan ijaare nama guddaa ta’uu himanii, kanattis dabalata saboota gidduuttis nama nagaan akka bu’uuf hojjetaa turee jedhani.

Dilbata dhufus sirni awwaalaa Yuuba Aaga Xeenxanoo Shaakkisootti akka gaggeeffamus Obbo Adoolaan beeksisanii, sirna kanarratti saboota gara garaarraa bakka bu’oonni angawoonni fi jiraattonnis akka argaman dubbatanii jiran. Yuuba Aaga Xeenxanoo bara 2016, Yuuniversitii Bulee Horaarraa Dooktora kabajaa fudhachuun isaaniis ni yaadatama.