Gareen Mariisistoota Gamtaa Afrikaa Waliigaltee Nagaa Madaaluu fi Hordofu Maqaleetti Imaluufi

Gareen mariisistoota Gamtaa Afrikaa raawwii waliigaltee nagaa madaaluu fi hordofu guyyoota muraasa dhufan keessatti Maqalee akka seenu ibseera.

Mariin marsaa lammaffaa dheengaddaa fi kaleessa Naayiroobitti gaggeeffame hordofuun ibsa kan kennan miseensi garee marii kanaa preezdaantiin Keeniyaa duraanii Uhuuruu Keeniyaattaa gareen kun guyyoota itti aanan keessatti Maqalee seena jedhanii jiru.

Gareen Gamtaa Afrikaa hojiirra oolmaa waliigaltee nagaa kanaa hordofu kun qaamolee hunda bira akka qaqqabu waliigalteerra ga’uu isaaniis ibsameera.

Kana irratti gabaasa Kenedii Abaata qopheessee fi ibsa Gamtaan Awrooppaa dhimmicha laalchisuun baase Naakoor Malkaatu dhiheessa.

Your browser doesn’t support HTML5

Gareen Mariisistoota Gamtaa Afrikaa Waliigaltee Nagaa Madaaluu fi Hordofu Maqaleetti Imaluufi