Ajjeechaa Wallaggaa Bahaa Keessaaf Jiraattonni Qaamota Adda Addaa Himatu

Kiraamuu, Wallagga Lixaa

Naannoo Oromiyaa godina Wallaggaa Bahaa keessa jiraattonni dhaloottaan Oromoo ta'an torbee darbe keessa humnoota Amahaaraa hidhatee, kan "Faannoo" jedhaniin, namoonni hedduun ajjeefamuu isaanii ibsaniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Ajjeechaa Wallaggaa Bahaa Keessa

Dhalattoonni Amahaaraa naannoo sana jiraatan humnoota hidhatee "ABO Shanee" jedhanii waamanii fi humni addaa wal ta'uun haleelaa akka jiran himaniiru.

Kanumaan wal qabatee guyyoota muraasa darbaniif bulchiinsa godinaa irraa deebii argachuuf carraaqqiin taasisaa turre yeroof hin milkoofne.

Kana malees, aangawoota naannoo fi federaalaa irraa deebii argachuuf yaaliin godhamaa ture hin milkoofne.

Haa ta'u malee, Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad, daawwannaa tibbana Wolaayittaatti taasisaniin, "amma kan biyya balleessaa jiru shanee Oromoo fi Amahaaraati" jedhanii turan.