Wal waraansa Waliin Haala Hidhata Qabuun Kannen Humnaan Gudeeddii fi Hokkara Saalaf Saaxilaman Waaltaan Keessatti Tajaajiilan Ijaaramuufi

FAAYILII - Ijoollee sababa wal waraansaan qehee irraa buqahan buufata yeroo Azazoo jiru keessatti, naannoo Amaara.

Mootummaan Itiyoophiyaa dubartootaa fi shamarran humnaan gudeeddii irraa hafan akkasumas kanneen sababa walitti bu’iinsa Itoophiyaa Kaaban miidhaman dabalatee deebisanii dhaabuuf akkasumas hawaasatti makuuf karoora eegaluu isaa beeksise.

Ijaarsa wiirtuu namoota lubbuun hafan gargaaruu fi keessummeessuuf oluu kanaaf, dhagaa bu’uuraa kaa’uun magaalaa Dassee keessatti gaggeeffamee jira.

Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Ityoophiyaa Dr.Ergoge Tesfayee giddu galli kun sababa walitti bu'iinsa Itiyoophiyaa kaabaa mudateen dubartootaa fi shamarran hokkarri saalaa walitti bu'iinsaan wal-qabatee fi jeequmsa saalaa bu'uura godhate irraa hafan deebisanii dhaabuu fi hawaasatti makamuuf ni hojjeta jedhan.

Tajaajila bal’aa kennuudhaan namoota lubbuun hafan kan deeggaru yoo ta’u, bakka jireenyaa, nyaata, deeggarsa yaalaa, gorsaa fi jireenya dabalatee tajaajiila walii gala kan kennu ta’uun ibsameera jechuun Masfin Arraagee Gabaasee jira.