Waldaan Maccaa fi Tuulamaa Rakkoo Itiyoophiyaa Keessaaf Furmaata Waaraan Akka Kennamu Gaafate

Your browser doesn’t support HTML5

Waldaan Maccaa fi Tuulamaa Rakkoo Itiyoophiyaa Keessaaf Furmaata Waaraan Akka Kennamu Gaafate

Waldaan wal gargaarsaa fi misoomaa maccaa fi Tuulamaa rakkoo nagaa biyyattii mudateef furmaanni waaraa akka itti kennamu hubachiiseera.

Akka pireezdaantiin waldichaa obbo Dirribii Damusee jedhanitti, ajjeechaan amma raawwatamaa jiru walitti bu'iinsa wal waliinitti akka hin deemneef mootummaan furmaata kennuu qaba jechuun dubbatan.

Dhaabbilee fi namoota dhuunfaa haasawa jibbiinsaa fi jeequmsaa facaasan irratti keessumaa karaa miidiyaalee hawaasaa fi miidiyaalee idileettin mootummaan tarkaanfii hatattamaa fudhachuu qaba, jechuun waldaan wal gargaarsaa fi misoomaa maccaa fi Tuulamaa gaafateera.