Abukaatoon Seera Obbo Wandimmun Akka Hiikkaman Murtaahe

  • VOA

FAAYILII -Abukaatoon seera Obbo Wandimmu Ibsaa

Kabaja mana murtii cabsaniiru jedhamanii hidhaan ji’a Afurii kan itti murta’ee ture Abukaatoon seera obbo Wandimmu Ibsaa , hidhaa salphaa ji’a Tokkoo boodaa akka gadi lakkisaman ol iyyannoo isaanii kan dhaggeeffate manni murtii waliigalaa Oromiyaa murteessee jira.

Haata’u malee obbo Wandimmuun ammas mana murtii Ijibbaataa Oromiyaatti ol Iyachuudhaaf akka murteessan abukaatoon isaanii sagalee Amerikaatti himanii jiru.