Doniin Masrii Galaana Keessaa Ba’uun Lafa irra Ga’uun Ibsamee Jira

  • VOA

FAAYILII - Doonii Sulula Swiiz Kanaal, Bitootessa 30, 2023

Dooniin boqqolloo fe’ee galaana Masrii keessa deemaa ture, booda irra bishaan keessaa gara lafaatti eega ba’e booda, bishaanti deebi’uu isaa, Abbaan Taayitaa Sulula Suweez wiixata har’a ibsee jira.

Dhaabbanni tajaajila sululaa Leth jedhamu akka jedhetti dooniin moggaafama maqaa MV Glorii jedhamtu naannoo magaalaa Qantaraa cina, bulchiinsa suluula Suweez Ismaa’iliyaa jedhamutti bishaan keessaa ba’e.

Dhaabbatichi akka jedhetti dooniiwwan 3 harkisaniin donii sana bishanti deebisanii akka deemuu gochuuf hojjechaa turan.

Qondaaltonni dooniin kun lafa akka rukuttu maaltu akka taasise waan beekan gad fageenyaan hin qaban turan. Kutaaleen Masrii, kan bulchiinsa gama kaabaa dabalatee, gaafa Dilbataa haala qilleensa hamaan mudatee ture.

Odeeffannoon hordoffii saatalaayitii kan dhaabata oduu Asoosheetid Prees xiinxale akka agarsiisutti, Doniin MV Glorii jedhamtu kun, Sulula Suuez kan daandii tokko qofa qabu kan buufata donii Said irraa gara kibbaatti Galaana Meditiraaniyaanii irratti argamu isheetti.