Manni maree bakka bu’otaa mootummaa Yunaayitid Isteets Afaan yaa’ii isaa filachuu irratti dhimmataa ture. Dhimmi Sa’atii tokko hin fudhanne guyyaa shan fudhatee jira. Seenaa wagga dhibba tokkoo siyaasaa biyyatti keessatti waan haaraadhaa jedhameera.
Dhimma kana irratti beekaa misoomaa fi demokraasii kan ta’an fi Siyyaasa Yunaayitid Isteets nama dhiheenyaatti wagga dheeraa hordofan Dokteer Baahiru Dhugumaa wajjin marii goonee jira. Seenaa walfakaataa kanaan dura ture irraa ka’udhaan haalicha ilaalu Dr. Bahiiruun.