Fiilmiin Siinan Eebbisame

Your browser doesn’t support HTML5

Fiilmiin Siinan Eebbisame

Fiilmiin Afaan Oromoo "Siinan" jedhamu, Garee Piroodaakshinii Jabaa jedhamuun barreeffamee qophaa'e torban darbe keessa Finfinneetti eebbiffameera.

Jootee Abrahaam Barreessitoota keessaa tokko yoo tahu, "Siinan" daawattoota kofalchiisuu, akkasumas boossisuu dubbachuun, dhiibbaa ijoollee Shamarranii irra gahu, balaa tiraafikaafi dhimmootni biroollee fiilmii kana keessatti ilaalamaniiru jedha.
Jooteen, galii eebbarraa argame keessaa harka walakkaa uummata sababoota garaa garaatiin qe'ee isaaniirraa buqqaaasamaniif arjoomuu isaanii Sagalee Ameerikaatti himeera.
Jootee, taatuu dursituu Siinan bakka buute, akkasumas daawwattoota keessaa haga tokko bilbilaan dubbisne.