Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Tokko Keessaa Barsiistonni 20 ol Hidhaman

FAAYILII - Magaala Dambii Doollo, Qeellem Wallaga, naannoo Oromiyaa

Naannoo Oromiyaa Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Laaloo Qileetti barsiisonni 20 ol ta'an "Mootummaan maaliif seera malee miindaa keenya mura, miindaa guutuu argachuun mirga keenya" jedhanii waan gaafataniif erga hidhamanii torban tokkoo ol ta'uu maatii fi barsiisotni biroo hagi tokko Sagalee Ameerikaatti himanii jiru.

Waajjirri Bulchiinsaa fi Nageenyaa Aanichaa, Barsiisonni kunneen kan hidhaman miindaa isaanii waan gaafataniif osoo hin taane, barattoonni akka hin barannee fi barsiisonni akka hin barsiifne waan kakaasaniifi" jechuun beeksiseera.

Your browser doesn’t support HTML5

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Tokko Keessaa Barsiistonni 20 ol Hidhaman