Manni Maree Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa ibsa tibbana baaseen hidhaan miseensotaa fi hooggantoota paartii siyaasaa itti fufuu beeksise.
Your browser doesn’t support HTML5
Kana malees, sababa lola humnoota mootummaa fi gurmuulee hidhattootaa gidduutti Oromiyaa Lixaa keessatti geggeeffamaa jiruun "Sarbamni mirga namoomaa namoota hedduu irratti raawwatamaa jira" jechuun beeksiseera.
Manni Marichaa miseensonni fi hoggantoonni paartilee siyaasaa adda addaa haqa malee hidhaman akka hiikamanii fi sarbamni mirga namoomaa naannoo Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru akka dhaabbatu jechuun yaadachiiseera.
Gama biraan, dhaabbatni mirga namoomaaf falmu "Hiwman Raayits Waach' ibsa baaseen, waldhabdeen hidhannoo waggoota lamaaf kaaba Itiyoophiyaa keessatti Adoolessa 2020 eegale, lammiilee nagaa irratti miidhaa hamaa geessisuu itti fufuufi waraanni Oromiyaa keessatti mootummaafi gurmuulee hidhattootaa jidduutti geggeessamu lubbuu lammiilee nagaa gaaga'aa akka jiru ibseera.
Dhimma kanarratti anga'oota godinaalee fi naannoo Oromiyaa irraa deebii argachuuf carraaqqiin goone hin milkoofne.