Galmeen Icciitii Lammaffaa Mana Baayden Keessatti Argame

  • VOA

FAAYILII - Prezidaanti Yunaaytid Isteets, Joo Baayiden, Amajii 11, 2023

Galmee mootummaa iccitiin qabamuu qaban kan dhuma irratti waajjira prezidaanti Joo Baayiden ka duraanii fi mana isaanii Wilmingitan, Delaweer keessatti akkamitti akka kuufaman qorachuuf Abbaan alangaa waliigalaa kan Yunaaytid Isteetis Meriki Garilaandi kaawunsilii addaa Kamisa kaleessaa maqaa dhahaniiru.

Garilaandi, qondaalli olaanaa seera kabachiisuu kan Yunaaytid Isteetis akkuma ta’an, qorannoo kana akka gaggeessuuf abbaa alangaa muxannoo guddaa kan qaban, Robert Hur, abbaa alangaa federaalaa olaanaa duraanii kutaa Maryland bahaa duraanii filatan.

Hur bara bulchiinsa Rippabilikaan Doonaald Tiraampitti qondaala olaanaa Ministeera Haqaa ta’uun tajaajilaniiru.

Murteen Garilaandi kun Kanaan dura gorsaa addaa Jaak Ismiiz qorannoo walfakkaatu Tiraamp irratti akka gaggeessan muudamuu isaanii hordofee muudamnii inni amma kun dhufe.