Finfinnee Keessatti Namoonni Gocha Shororkaan Shakkaman Jedhame 371 To'anna Jala Oolfamun Himame

  • VOA

FAAYILII -Finfinnee naannoo Marfata Masqalaa, Guraandhala 21, 2018

Humnootiin waloo kan nageenyaa fi tikaa kan Itiyoophiyaa Magaalaa Finfinnee fi naannoo ishee keessatti gocha shoroorkaa jeeqamsaa fi goolii kaasuuf socho’aa kan turan 'humnootiin farreen nagaa' ka jedhen to’annaa jala oolchuu isaa Gibra Haayiliin nagaa fi nageenyaa beeksisee jira.

Bulchiinsa nannoo Oromiyaa waliin qindominaan tarkaanfii seeraa fudhatamaa jiruun, dhokotanii magaala Finfinnee seenuun haleellaa Shoroorkaa geesisuuf socho’aa turan kan jedhaman miseensonni garee Shanee ittiin jedhe 107, meeshaa waraanaa ittiin fayyadaman fi uffta caasaa nageenyaa waliin to’nnaa jala ooluu ibsee jira.

Haala wal fakkaatuun garee leellisaa Faannoo kan ittiin jedhe dhaabilee siyaasaa tokko tokko akka meeshaatti itti fayyadamuun, magaala Finfinnee giddu gala shoroorkaa fi jeequmsaa gochuuf, waraqaa eenyummaa sobaa qabachuun, gaaffii mana barumsaa keessatti ka’an tokko tokko kallatti jijjirsisuun akeeka badiif olchuuf uummata magaalattii gosaan walitti buusuuf akkasumas jeequmsa kaasuuf akkasumas haleellaa hidhannoon deggerame adda addaa gaggeesuuf ituu sosso’anii turan kan ittiin jedhe miseensoota garee kanaa 109 , meeshaa waraanaa ittiin fayyadamanii fi uffata caasaa nageenyaa adda addaa waliin to’annaa jala olchuu isaa fi qorannaan gaggeeffamaa akka jiru ibsee jira.

Wajjiri kun shakkamtoota fi meeshaa waraana qabaman irratti ba’ii qorannaa argaman fufiinsaan kan beeksisuu ta’u hubachiise.

Karaa biraan gurma’anii meeshaa waraanaa fi sibiila qara sagalee hin qane gargaaramuun namoota irratti miidhaa geesisuuf , saamiinsa gaggeessuuf hawaasa yaaddoo keessa kan galchan shakkamtoonni 155 meeshaa waraanaa saamanii fi itti fayyadamaa turan jedhamee waliin kanneen isaan waliin turan wakkiin to’annaa jala oolanii qoratamaa akka jiran ibsamee jira.

Waluumaa gala shakkamtonni 371 to’atamanii qorannaan irratti gaggeeffamaa akka jiru ibsamee jira.