Itiyoophiyaatti ammas sababa hoongee daayimman miiliyoona afuritti siqan beela hamaaf saaxilamanii akka jiran dhaabbanni falmaa mirga daayimmanii 'Save The Children' beeksise.
Your browser doesn’t support HTML5
Dhaabbatichi ibsa isaa sanbata darbe baaseen ammas naannoo hoongeen mudatee jiru kanatti namootni miiliyoona 12 gargaarsa akka fedhan himee, kuma dhibba shan ammoo qe’ee buqqa’uu dubbate.
Ministeerri Dubartootaa fi Hawaasummaa daa’immanii fi dubartoonni akka hin miidhamneef tumsaan jira jedha.