Ayyaana Cuuphaa Hara Dambal Irratti Qofaa Addatti Kabajamu

Your browser doesn’t support HTML5

Ayyaana Cuuphaa Hara Dambal Irratti Qofaa Addatti Kabajamu

Ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa Shawaa Bahaa, Baatu Hara Dambal irratti namootni kumaatamaan irratti argaman sirna ho’aan kabajamee jira. Barsiisaa Biiniyaam Taaddelee, Gadaamii Amara Maaramii Qiddus Gabreel Baatuutti hordofaan mana barnootaa Lubootaa, Hara Dambalirratti kan kabajamu ayyaanni kataraa fi Cuuphaa, bishaan irratti kabajamuun adda isa taasisaa jechaan dubbatan.

Gama biraan hirmaattonni ayyaanichatti gammaduu himanii, ta’us hojiin ayyaana kana beekisuu dabalataan hojjetamuu qaba jedhan. Koomishiniin Tuurizimii Oromiyaa dhimma kana ilaalchisuun deebii kennee jiraa.