Buusii Waldaa Misoomaa Kennaa Jechuun Nu Dirqiisisan: Jiraattoota Gojjam Lixaa

  • VOA

FAAYIILII- Magaala Baahir Daar, naannoo Amaaraa

Godiina Gojjaam Lixaa aanaa naannoo Baahirdaar jiraattonni gandeen Yinsaa sadeenn, buusii waldaa misooma Amaaraa dirqamaan akka baafnu ta’aa jira jechuun komee dhiyeessanii jiru.

Jiraattoota bakka bu’uun komee kana mootummaatti dhiyeessuuf namoonni sosso’aa turan 12 keessaa 2 Robii dabre hidhamuu isaanii warri iyyataaf Baadirdaar dhufan RSAf ibsanii jiru.

Itti gaafatamaan waajiira misoomaa kan godiina Gojjaam dhiyaa Obbo Baantee Taaddasaa waa’ee dhimmi kanaa gaafatamanii, wanni gaggeeffame jedhame kun, kaayyoo fi seera waldiichaan ala ta’u ibsanii, gara gandaatti gad bu’uun rakkoo uumammee kan furan ta’u ibsan.

Kaayyoo Waldaa misoomaa kanaa fi dhimmootii kanatti hidhata qaban ilaalchisee , hogganoota waldichaa dhimmi ilaaluu irraa odeeffannoo dabalataa argachuuf yaaliin taasiifne hin milkoofne jechuun Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.