Referendemiin Naannoo Uummattoota Kibbaa Keessatti Karoorfame Fallaa Heeraa ti: Paartilee Mormituu

  • VOA

FAAYILII - Magaala Hawaasaa, naannoo Sidaamaa, Sadaasa 21, 2019

Paartileen mormituu naannoo Walayittaa keessa sosso’an lama naannoo sana keessatti referendemiin geggeessamuuf karoorfame fallaa heeraa ti jedhan. Sochiin biyyoolessaa Walaayittaa fi addi dimokraatawaa uummata Walaayitaa adeemsi referendemichaa ifaa akka hin ta’in dubbatan.

Manni maree federeeshinii gama isaan durumaanuu dhimma sagalee uummataan dhiyaate irratti mormiin namoota dhuunfaas ta’e paartilee siyaasaa fudhatama hin qabu jedhee jira.

Paartileen morkattootaa kibba Itiyoophiyaa godina Walaayitaa keessa keessa sosso’u. Boordiin filannoo godinaalee ja’aa fi aanaalee addaa shan keessatti rferendemii geggeessuuf qophii xumuree jira.Ba’iin isaas naannoo uummattoota kibbaa keessatti naannoo haaraan hundeeffamuu fi dhiisuu isaa murteessuuf jira.