Haleellaa Aanaalee Naannoo Amaaraa fi Godinaa Saba Oromoo Geggeessame Ilaalchisee ABO fi Dhaabonni Siyaasaa Kaan Ibsa Baasan  

Your browser doesn’t support HTML5

Haleellaa Aanaalee Naannoo Amaaraa fi Godinaa Saba Oromoo Geggeessame Ilaalchisee ABO fi Dhaabonni Siyaasaa Kaan Ibsa Baasan 

Paartileen siyaasaa adda addaa ajjeechaa tibbana Aanaalee Naannoo Amaaraa , godina Shawaa Kaabaa fi godinaa addaa bulchiinsa Saba Oromoo wal-daangessan keessatti raawwatame balaaleffachuun ibsa baasanii jrian. Eenyummaa qaamota yakka kana raawwatan, jedhan irratti ejjennoo adda addaa ibsaniiru, Paartiileen kunneen.

Addi Bilisummaa Oromoo, haleellaa fi ajjeechaa raawwatameef Humna Addaa Amaaraa fi Faannoo itti gaafataamtotaa taasisera. Paartilee sadii waloon ibsa baasan, kanneen Tokkummaa Guutummaa Itoophiyaa, Warraaqsa ummattoota Itoophiyaa fi Paartiin Innaat jedhaman ajjeechaa rawwatameef “Waraana Billisummaa Oromoo” balaaleffatan. Gama biraatin duubbi himaan idila Addunyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Odaa Tarbii waraanni isaanii naannoo kana keessa akka hin jirre sagalee Ameerikaaf ibsaniiru.