Walitti Bu’iinsaan Kan Manca’an Waaltaaleen Eegumsa Fayyaa Tigraay Hanga Tokko Hojii Eegalan

  • VOA

FAAYILII - Bakka haleellaan xiyyaaraa itti geggeeffame, Maqalee, Onk. 20, 2021

Kaaba Itiyoophiyaa keessaa walitti bu’iinsi wagoota lamaaf tureef bu’raalee misoomaa kan mancaasee fi tajaajilaawwan fayyummaa hawaasaa naannolee irra hedduu keessaa kan addaan kute waan ta’eef gargaarsi namoomaa kan hatattamaa amma iyyuu ni barbaachisa.

Your browser doesn’t support HTML5

Walitti Bu’iinsaan Kan Manca’an Waaltaaleen Eegumsa Fayyaa Tigraay Hanga Tokko Hojii Eegalan

Naannoo Tigraay keessaa ennaa walitti bu’iinsa sanaa waaltaaleen eegumsa fayyaa waan manca’aniif jecha tajaajila wal’aansaa baay’ee babaachisaa ta’e kennuun hedduu rakkisaa dha.

Naannolee hanga tokko keessatti sababaa kanaan buufataaleen eegumsa fayyaa tajaajila kennaa hin jiran. Amma iyyuu fooyya’aa jiru koreen baatii diimaa naannolee kana dura gargaarsa namoomaa dhaqqabsiisuuf rakkisaa ture akka dhaqqabu taasisee jira.