Haleellaa Hidhattootaa Garbagurraachaa Keessatti Raawwateen Lammiin Chaayinaa Tokko Ajjeefamuun Gabaasame

  • VOA

Lammiin Chaayinaa tokko haleellaa Wixata kaleessaa naannoo Oromiyaa keessatti raawwatameen ajjeefaman. Embaasiin Chaayinaa biyyattii keessa jiru akka jedhetti,

lammiileen Itiyoophiyaa keessa jiran of eeggannoo gochuun nageenya jisaanii akka eeggatan hubachiiseera.

Lamiiwwan Chaayinaa sagal immoo magaalaa Kaaba Oromiyaa Gabre Gurraachaa keessatti Wixata galgala haleellaan irratti raawwatee isaan keessaa tokko itti dhukaafamuun ajjeefamuu embasiin Chaayinaa kan Itiyoophiyaa keessaa ibsa Kibxata har’aa baaseen beeksisee jira. Namoota yakka kana raawwatan garuu adda hin baafne.

Dubbi himaan ministrii dhimma alaa Itiyoophiyaa battala ibsa hin kennine. Embasiin Chaayinaa itti dabaluu dhaan naannoleen Daangaa Oromiyaa fi kutaalee biyyaa ka biroo yeroo hedduu haleellaa, namoota ukkaamsanii butuu fi saamichaaf waan saaxilamaniif balaan nageenyaa akkaan sodaachisaa dha jedhee jira.

Torban darbe namoonni hidhannoo qabanii fi eenyummaan isaanii hin beekamin yeroo gabaabaa dhaaf hojjettoota dhaaba simintoo Naayijeeriyaa kan Daangotee naannoo Oromiyaa keessa jiru butanii fudhatanii turan. Booda irra garuu miidhaan utuu irra hin ga’in gad dhiisamuu isaanii dubbi himaan kampanichaa Rooyitersiif ibsa e-mail Wixata ergeen beeksisee jira.

Dubbi himaan mootummaa naannoo Oromiyaa Haayiluu Addunyaa gaaffii Rooyiters waa’ee hojjettoota Daangotee butamanii ilaalchisee dhiyeesseef battala deebii hin kennine. .

Hookkarri Oromiyaa keessaa kan waggoota lamaa fi mootummaa federaalaa fi humnootii naannoo Tigraay gidduutti geggeessameef walii galtee nageenyaa baatii Sadaasaa keessa mallatteeffamettii adda.

Oromoon Itiyyoophiya akeessaa saba guddicha yoo ta’u, muummichi ministeeraa Abiy Ahimed kan maatii Oromoo fi Amaaraa irraa dhalatan aangootti dhufanii as jireenyi isaa fooyya’uu ni gargaaru jedhanii abdatanii tuaran. Hedduun Abiyyi irraa abdii kutatanii mootmmaa dhaan akka dagatamanitti itti dhaga’ame jechuu dhaan Rooyiters gabaasee jira.