Abuuniin Kaatolika Roomaa Pop Firaansis Dawwannaaf Afriikaa Jiran

  • VOA

Phaaphaasiin Firaansis fi Pirezidaantiin Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo Feeliks Tshisekedi, Kiinshaasaa, Amajjii 31, 2023

Abuuniin kaatolika Roomaa Firaansis daawwannaa guyyoota jahaaf gara Koongoo fi Sudaan Kibbaatti taasisuuf jecha Kibxata darbe kan ka’an yoo ta’u, biyyoota lama hiyyummaa, walitti bu’iinsaan dararamaniif ergaa nageenyaa fiduu yaaduuf jecha.

Abunichi Firaansis “sammuun koloneeffataa” kan yeroo dheeraaf ture ammallee Afrikaatti fayyadamuuf yaada jedhan. Gareeleen gargarsaa imalli Firaansis walitti bu’iinsa addunyaa dagataman lamaan irratti akka fuuleffatanii fi rakkoo namoomaa suukaneessaa Afriikaa irratti addunyaan ilaalcha kennu akka haaromsuu fi yaalii arjoomtotonni taasisani fi Yukireeniif gargaarsi haaraan akka kennamu dursi akka kennamu gaafataniiru.

Gareen gargaarsaa imalli Firaansis kun waldhabdee addunyaan dagatame lama irratti ibsa akka ibsu fi rakkoolee namoomaa hamaa Afrikaa keessaa tokko tokko irratti addunyaan fuula akka deebifatu taasisa jedhaniiabdachaa jiru, Yukireen keessatti illee gargaarsa haaraaf dursi akka kennmu ka jedhu irratti fuuleffatu jedhanii abdatu.

Garuu imalli Firaansis hegeree waldaa kiristaanaa kaatolikii waliin kallattiin walitti isaan fida. Afriikaan addunyaa irraa waldaan kaatolikii kan keessatti guddataa jiru ardii tokkittii dha. Lubummaa fi jireenyi amantii gama guddisuun ga’ee guddaa qaba.

Pop Firaansis tajaajila isaanii phaaphasummaa waggaa 10 keessatti isa 5ffaa yoo ta’u, waldaa kana lubbuu madaa’aniif akka dirree hospitaalaa bakka martinuu itti simatamaniif hiyyeeyyiin baooa mkabajaa itti argatan akka ta’u barbaadu.