Haala Wal-dhibdee Ortodoksii Ityoophiyaa Keessaa Ilaalchisuun Demeqee Mekonnin fi Shimallis Abdiisaa Dubbatan  

  • VOA

Kabaja Ayyaana Cuuphaa, Finfinnee Amajjii 18, 2023.

Itti aanaan muummicha ministeeraa Ityoophiyaa fi ministirri dhimma alaa Demmeqee Mekonnen haala yeroo ammaa mana amantaa Ortodoksii Itiyoophiyaa keessa jiru of eeggannoo fi itti gaafatamummaan furuun barbaachisaa ta’uu isaa dubbataniiru.

Obbo demmeqeen daawwannaa isaanii godina Wolloo Kibbaa aanaa Maqdelaatti taasisaa jiran irratti haasaa dhageessisaniin, cimina amantootaa fi beekumsa abboota amantaatiin dhimmicha hiikuun barbaachisaa ta’uu isaa ibsaniiru.

Karaa biraatiin Pirezidaantiin bulchiinsa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa ''taphoota haguuggii amantaa jalaan taasifaman” jechuun haala waldaa kiristaanaa Ortodoksiis keessatti deemaa jiru sana balaaleffataniiru.

Obbo Shimallis gaaffii fi deebii madda OBN waliin taasisaniin "taphni" akkasii kan gaaffii Oromoo fi saboota biroo ukkaamsuuf taasifamu bu'aan isaa badiisa akka fidu akeekkachiisan.

Obbo Shimallis haala waldaa Ortodoksii kana ilaachisee kan dubbatan keessatti qaamni kallattiin maqaa dhahanii qeeqan akka hin jirre Kenedii Abaatee gabaaseera.