Lammiileen Sudaan Waliigaltee Mootummaa Isaanii fi Isiraa’eil Gidduu Irratti Mormii Kaasan   

  • VOA

Hogganaa mana maree abbaa biyyummaa Sudaan Jeneraal Abdel Fattaah Al-Burhaan fi Ministira Dhimma Alaa Israa’el Elii Koohen, Kaartuum, Sudaan, Guraandhala 2, 2023

Waligaltee walitti dhufeenyaa haaromsuu mootumaan Sudaan fi Mootumman Isiraa’eel dhiheenyaa kanna taasisan Sudaan keessatti mormii kaase jira.

Ministarri dhimma alaa mootummaa Israa’eel Ilii Kooheen akkataa isaa Sudaaniin seenanii dhimmaa haala waltidhufeenyaa biyyoottan lammanii giduu jiru irratti maryatanii, waligaltee irra gaahuun isaanii erga ibsamee boodaa lammileen Sudaan hedduun karaa irratti bahuudhaan Isiraa’eeli wajjin waltii dhufeenyaa haaromsuun hin barbaachisuu jechuudhaan morimii dhageesisan.

Dhaadannoo “hogganaan mootummaa Sudaan Abdil-faataah Al Burhaani ganinsa raawwatan” jedhu qabatanii Wixata kaleesaa kan hiriira bahan mormitoonni tokko tooko akka VOAti himanitti “ murtoon Al Burhaanii waan fedhii ummata Sudaan calaqisiisu miti” jechuun isaanii gabaasamee jira.

Mormii lammilee Sudaan kana kan qabaneessanii ilaallan dubii himaan minsteraa dhimma alaa Sudaan Abdulrahimaan Kaaliil , “ Sudaanonii hammi tokko waliigaltee kana irratti akka walii hin galle waan beekamuudhaa. Yaada isaanii ibsachuudhaaf mirga qabuu” jechuun isaanii beekameera.

Amajii bara 2021 waltii dhufeenyaa Isiraa’eel wajjin jiru fooyyesuudhaaf mootumaan Sudaan ergaa ibsa baasee boodaa seeraa biyyaa Isiraa’eliif beekumsaa dhowwatu haquun isaa ni beekama.

Barra 2020 Tokummaa Immeretoota Arabaa, Baahireen fi Morookoon waligaltee giddu seentumaa Yunaayitid Isteetsin taasifameef “ waliigaletee Abrahaam jedhamee beekamuun waltii dhufeenyaa Isiraa’elii wajjin qaban fooyyesuun isaanii ni yaadatama.