Humnoonni Eertraa Dararaa Tigraay Keessatti Raawwatan Ka Jedhu Prezidaantii Eertraa Ni Haalan

  • VOA

KENYA-ERITREA-DIPLOMACY-POLITICS

Kan yeroo hedduu ba’anii yaada hin kennine prezidaantiin Eertraa Isaayyaas Afeworkii, humnoonni biyya isaanii naannoo hollaa ka biyya Itiyoophiyaa keessaaTigraay keessatti waraana geggeessame keessatti humnaan gudeeddii, saamichaa fi yakka raawwataiiru inni jedhu waan fakkaatu miti jechuu dhaan fudhatama dhabsiisan.

Eertraan waggoota 30 dura erga walabummaa ishee gonfattee kan beektu prezidaantiin tokkichi Isaayyaas Afewerqii, ennaa daawannaa isaanii Keeniyaatti geggeessan irratti tuuta oduuf ibsa kennan. Gaaffiiwwan kanaan kan mufatan Isaayyaas, adeemsa nagaa booressuuf kanneen oduu kijibaa fi odeeffannoo dogoggoraa daddabarsan jedhan balaaleffataniiru. Eetraan qaama walii galtee araaraa sanaa miti. Humnonni Eertraa hangi tokko illee Tigraay keessatti hafanii jiran.

Baatilee hedduuf mootummaan Itiyoophiyaas humnoonni Eertraa Tigraay keessa jiraachuu haalaa ture. Garuu gareeleen mirga namaa fi hayyoonni tokkummaa mootummootaa dararaa fi lammiiwwan Tigraay irra kan ga’e kan akka kashalabboonni humnaan gudeeddii raawwataniif itti gaafatamoo dha jedhanii jiran. Wal waraansa sanaan siivilota miliyoona tokkotti hedmantu dhume.

Gama biraan Eertraa fi Keeniyaan biyyoonni lamaan dawwannaaf viisaan akka hin barbaachisne beeksisanii, Keeniyaan gurumuu dipilomaasummaa Asmaraatti kan bantu ta’uu beeksistee jirti.

Prezidaantiin Keeniyaa dhimmootii Itiyoophiyaa fi biyyotii hollaa Sudaanii fi Sudaan Kibbaa waliin wal qabate ilaalchisee Eertraa waliin hojjechuu kan barbaadan ta’uu beeksisaniiru. Gama biraan ministeerri odeeffannoo Eertraa Yemaanee Gebremesqel ergaa twiitera irratti maxxansaniin prezidaant Isaayyaas Afewarqii Eertraan miseensummaa IGAD haaromsuuf murteessuu ishee beeksisuu labsanii jiran. Prezidaantiin Keeniyaa Ruuttoonis Keeniyaan ga’ee Eertraan nagaa fi tasgabbii naannoo keessatti qabdu akkasumas waraana biyyoolessaa Somaaliyaa ijaaruu keessatti gumaacha qabdu dinaqisiifataniiru jedhan.