Torban Darbe Keessa Wallaga Bahaatti Namoonni AJjeefamuun Himame

Your browser doesn’t support HTML5

Torban Darbe Keessa Wallaga Bahaatti Namoonni AJjeefamuun Himame

Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Bahaa Aanaa Gobbuu Sayyoo Magaalaa Aannoo keessatti humnootni riphxe loltootni namoota nagaa 50 ol torban darbe gaafa Kamisaa ajjeesaniiru jechuun kanneen ijaan argine jedhaniifi maatii keessaa hagi tokko Sagalee Ameerikaatti himanii jiru..

Bulchaan Aanaa Gobbuu Sayyoo obbo Baahiruu Olaanaa, “ABO Shaneen namoota nagaa 60 tahan ajjeesuun, qabeenya mootummaa saamaniiru, gubaniirus jedhan. Aanga’aan olaanaa Naannoo Oromiyaa tokkoofi konkolaachisaan isaanii akkasumas humnoota naga-eegumsaafi Itti gaafatamtoota aanichaa keessaallee kanneen ajjeesaman jiru, jedhan.

Dhimma kanarratti kan gaafataman, Dubbi Himaan Idil-addunyaa gurmuulee Riphxe-loltootaa Waraana Bilisummaa Oromoo mootummaan Shanee ittiin jedhuu Odaa Tarbii ammoo, “Humnoota Amaaaraa leenji’aa turan malee, namoota nagaa hin ajjeesne, xiyyeeffannoon keenya humnoota mootummaati” jedhan.