Naannoo Oromiyaa, Godina Wallagga Bahaa, Magaalaa Aannoo keessatti torban tokko dura, ALItti Amajji 25, bara 2015 haleellaa raawwatame jedhameen namootni nagaa 60 ajjeesamuu kanneen ijaan argine jedhaniifi maatii miidhamtootaa keessaa gabaasaa Sagalee Ameerikaatti himanii kan gabaasne yoo tahu, “waggoota muraasa darban keessatti sababaa haleellaalee akkanaatiin hariiroon hawaasummaa laaffachuu, haalli jireenyaa ulfaachuufi bahanii galuun yaaddoo tahuu dubbatanii jiran " jiraattonni kun.
Rakkoon nageenyaa kun akkaataa itti furamuu qaba, jedhanillee yaada isaanii ibsanii jiru.