Yunivarsitii Mishigan Keessatti Dhukaasa Banameen Barattoota Ajjeefaman Yaadachuuf Sirni Dungoo Qabsiisuu Geggeessame 

  • VOA

Barataa bakka yaadannoo warra Yuniversitii Mishigan keessatti ajjeefamanii bira abaaboo olkaahu, Guraandhala 14, 2023

Wixata kaleessaa Kutaa Yunaayitid Isteetis Michigaan keessatti kan argamu Yuniversitii Mishigaan keessatti namni qawwee hidhate tokko ol seenuu dhaan lubbuu sadii galaafatee shan immoo madeessuun isaa gabaasamee jira.

Namni qawwee hidhate kun eenyummaan isaa adda baafamuuf qoratamaa utuu jiruu ofitti dhukaasuun of galaafachuu isaa poolisiin mooraa sanaa beeksisee jira. Kanneen du’an kana yaadachuuf kaleessa sirni dungoo qabsiisuu kutaa Michigan keessatti raawwatamee jira.

Uummati gadde kan dhibbaan laka’amu Kibxata galgala sirna dungoo qabsiisuu fi barataa Alekzaaniriaa Verneriin yaadachuuf dirree kubbaa miillaa dugdee magaalaa Ditirooyit jiru-itti wal ga’anii jiran.

Barataan Yunivarsitichaa waggaa sadaffaa fi Kilaawsen, Mishigaan irraa ta’e kun mooraa East Laansiing keessatti dhukaasa Wixata banameen kanneen ajjeefaman sadii keessaa ti. Kabajaa taphataa kubbaa kachoo kan ta’ee fi maaliyaa lakkoobsa 24 kaayyataa kan ture Verneriif secondi 24f calliinsaan yaadatamee jira.

Sirna dungoo qabsiisuu isa lammataan immoo barataa Biriyaan Firaaser hiriyootaa daree barnootaa isaa fi maatii isaan yaadatamee jira. Barataa sadaffaa poolisiin beeksise Ariyeel Andersen jedhama.

Mishigaan State Yunivarsitii keessatti namoota shan itti dabaluun kan madeesse namni qawwee hidhatee fi umuriin isaa waggaa 43 mooraa sana waliin hidhata tokko iyyuu kan hin qabaanne ta’uun gabaasameera.