Komiishiniin Migra Namaa Afriikaa Finfinnee Keessatti Tuuta Oduuf Ibsa kenne 

  • VOA

FAAYILII - Yaa'ii Gamtaa Afrikaa 35ffaa, Guraandhala 5, 2022

Komiishinni mirgaa namaa Afriikaa yaa’iii idilee 42ffaa kan mana maree hoji raawwachiistuu gamtaa Afriikaa cinatti tuuta oduuf ibsa kennee jira. Komiishinichi ibsa kenneen waraanni Itiyoophiyaa gama kaabaa ennaa geggeessame kan raawwatame dhiittaalee mirga namaa qorachuun akka itti fufu beeksisee, ba’ii isaa uummataaf ifa kan taasisu ta’uu beeksisee jira.

Itti aanaa muummeen ministeeraa Itiyoophiyaa Demmeqee Mekonnin, qorannaa gumii mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa ilaalchisee hedduu dubbachuu irraa of qusachuudhaan, mootummaan isaanii kontiraata jiru adda kutuuf murtii gaafatuuf yaada dhiyeessaa jira jedhan.

Gamtaa Afriikaa jala kan jiru komiishinni mirga namoomaa qorannaa dhuunfaa geggeessaa kan jiru ta’uu tuqanii, deemsichi raawwatiinsa walii galtee araaraa sana irraan dhiibbaa geessisuu akka malu dubbataniiru.

Gama biraan koreen mirga namoomaa kan gamtaa Afriikaa, mootummaan Itiyooophiyaa waan gaafateef jecha qorannaa sana kan adda hin kunneef, ba’ii isaa ennaa xumuran kan beeksisu ta’uu ibsee jira jechuu dhaan Kenedii Abatee gabaaseera.