Gumiin Gamtaa Afrikaa Gabaa Walabaa fi Dhimmoota Birootti Fuuleffachuun Geggeessame Xumurame  

Your browser doesn’t support HTML5

Gumiin Gamtaa Afrikaa Gabaa Walabaa fi Dhimmoota Birootti Fuuleffachuun Geggeessame Xumurame

Guyyoota lameen darban finfinneetti kan gaggeeffamaa ture Walgahiin Gamtaa Afriikaa 36ffaan kaleessa galgala xumuramee jira. Gumichi Daldala bilisaa Afrikaa irratti kan ballinaan mariyate yoo tahu, dhimma shororkeessummaa fi nageenyaa kaanirrattis irrattis dubbatee jira.

Dura taa’aa gamtaa Afrikaa bara 2023 ta’uun kan muudaman Prezdentiin Koomoroos Azaalii Asumaanii bara 2023, gabaan daldalaa Afrikaa akka guddatu jabaatanii akka hojjetan ka dubbatan yoo tahu, Dura taa’aan Koomishinii Gamtaa Afriikaa Muusaa Faakiis rakkoon nageenyaa fi kaan akka karoora guddaa Afrikaan qabatte hin gufachiifne hojiin jalqabamuu isaa himan.