Mootummaan Oromiyaa Hundeeffamuu Magaalaa Shaggar Sirnaan Labse  

Your browser doesn’t support HTML5

Mootummaan Oromiyaa Hundeeffamuu Magaalaa Shaggar Sirnaan Labse  

Magaalaan Shaggar haaraa hundeeffamte Shaggara jiraattotaaf keessumattuu qonnaan bultootaaf iddoo miijaraa akka taatu hojjetama, pirezdaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shemallis Abdiisaa.

Magaalaan Shaggar magaalaalee godina addaa naannawaa Finfinnee shananii fi bulchiinsa aanaa tokko walitti dabaluun kan hundeeffame yoo tahu bali'ina lafa hektaara kuma 165 irra kan jiru yoo ta'u baay'ina nama miiliyoona 2.3 qabate tahuu kantiibaan magaalaa Shaggar dubbatanii jiran.

Hundeeffama magaalattii hordofuun manneen seeraa alaa diigaman hedduun kan jiran ta'u jiraattonni manneen jalaa diigaman dhiheenya kana Sagalee Ameerikaatti himanii turan. Ijaarsi seeran alaa diigamaa jiraachuu kantiibaan Magaalaa Shaggar Dr. Tashoome Addunyaa himanii jiran.