Hoongeen Godinaa Booranaatti mudateen maatiin kuma dhibba sadii ol buqqa’uu waajjirri Buusaa gonofaa kan Godina Booranaa beeksisee jira. Hoogganaan Waajjirichaa Liiban Saaraa VOA’f akka dubbatanitti lakkoofsi buqqaatotaa kun haga bonni dheerateen dabalaa akka jiru himee, mootummaan haga danda’e gargaarsa dhiyeessaa jira jedhan.
Buqqaatonni keessumaa aanaa Dubluq fi naannawa Magaalaa Yaa’a Balloo jiran gargaarsi argataa jiran baayyee xiqqaa waan taheef nu baraaraa jechaan gaafataa jiran, Galmoo Daawit Dubluq rraa haala achi jiru gabaasee jira.