Yaa’iin Mootummaa Cehumsaa Naannoo Tigraay Hundeessuu Irratti Fuuleffate Maqalee Keessatti Eegale 

  • VOA

FAAYILII - Magaala Maqalee, Naannoo Tigraay, AmajjiiJ 5, 2020.

Bulchiinsa yeroo kan Tigraay hundeessuu irratti konferensiin fuuleffate har’a Maqalee keessatti eegalee jira. Paartileen mormituu hangi tokko koreen bulchiinsa kana hundeessuuf uumame loogii irraa walaba miti jechuu dhaan yaa’ii sana irratti hirmaachuuf tole hin jedhin hafan.

Yaa’iin bulchiinsa yeroo ka naannoo Tigraay hundeessuu irratti fuuleffate har'a magaalaa Maqaleetti jalqabameera. Adeemsa hundeeffama bulchiinsa yeroo kanaaf, konfiraansii guyyoota lamaaf gaggeeffamu kana irratti mari'achuun walii-galtee irra ga’amuuf jira.

Bakka buutonni paartilee siyaasaa, jaarmiyaalee hawaasa sivikii fi humnoota Tigraay irratti argamuuf jiru. Paartilee mormituu sadii, Paartii Walabummaa Tigraay, paartii Gumii Biyyaalessaa Tigraay Guddittii fi Paartiin Salsaay Woyyaanee jedhaman yaa’ii kana irratti hirmaachuu didaniiru.

Koreen bulchiinsa naannoo Tigraay kan yeroo hundeessuuf dhaabate sun loogii irraa walaba miti, kanuma durii deebisanii gad dhaabuu dha jedhan jechuun Mulugeetaa Atsbehaa Maqalee irraa gabaaseera.