Ayyaanni Injifannoo Adwaa 127ffaan Finfinneetti  Kabajame  

Your browser doesn’t support HTML5

Ayyaanni Injifannoo Adwaa 127ffaan Finfinneetti Kabajame

Guyyaan Injifannoo Adwaa 127ffaan Magaalaa Finfinneetti Har'a Bakka Lamatti kabajame. Ayyaanichi Dirree Masqaalaatti qophiilee fi agarsiisa adda addaatiin bifa hoo'aa ta'een kabajame. Pirezdaanti Saahileworq Zawudeen sagantaa kana irratti argamuun haasawaa taasisaniin "Injifannoo Adwaa Addunyaan kabaje nutis kabajuu qabna" jedhan.

Addabaabayii Minilikitti ammoo yeroo ayyaanni kun kabajamutti, poolisotaa fi hirmaattota gidduutti walitti bu'iinsa uumameen poolisoonni gaazii nama imimmaanessu dhukaasuun, boodarras ummanni gara sanatti akka hin imalle dhorkaniiru.