Qabsaawaan Mirga Namoomaa Sudaan Kibbaa Naayiroobii Keessatti Humnoota Tikaan Fudhatame Akka Gad-lakkisamu Gaafatame  

  • VOA

FILE - A sign is seen outside the East African Court of Justice. The Pan African Lawyers Union filed a complaint at the EACJ against the Kenyan and South Sudanese governments in connection with the disappearance of South Sudanese refugee Morris Mabior. (Photo by Asraji Mvungi)

Gareen Abukaatoo Afriikaa qabsaa'aan mirgaa namoomaa Sudaan Kibbaa Mooris Mabiyor jedhamu ji'a darbe keessa humnoota tikaatiin mana maatii isaa magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii keessaa fudhatame jedhame akka gadhiifamu gaafachaa jira. Maatiin isaa Mooris humnaan gara sudaan kibbaatti akka geeffame amananii– aanga'oonni Sudaan Kibbaa fi Keeniyaa butamuu isaa laalchisee yaada kennuu diduun nageenya isaaf sodaa uumeeraa; Mooris dhittaa mirga namoomaa fi malaammaltummaa ifatti qeeqaa nama ture.