Horsiise-bultoonni Booranaa Loon Keenya Oolfachuuf Bakka Itti Gurgurannullee Dhabne, Jedhu 

Your browser doesn’t support HTML5

Horsiise-bultoonni Booranaa Loon Keenya Oolfachuuf Bakka Itti Gurgurannullee Dhabne, Jedhu 

Horsiisee bultoonni Godina Booranaa, horii isaanii hongee bonarraa oolfachuufillee bakka itti gurguratan dhabanii akka rakkataa jiran dubbatan. Yaaballo gabaa magaala bakkeetti gurgurtaaf warri loon fi horii manaa kaan baafatan kun VOA’f ennaa himan, amma loon gatii baayyee bushaa’aa ta’een akka gurguraa jiran dubbatanii jiran. Waajjirri Horsiisee Bulaa Godina Booranaa dhimma kana irratti gaafatamee, “horsiise bultoota rakkoo kana irraa furuuf gargaarsi qajeelaan deemaa jiru jiruu isaanii kana ni qajeelcha,” jechuun deebii kenne. Gama biraan tumsi gargaarsaa dhaabbilee fi namoota dhuunfaa Boorana dhaqqabuu jalqabee jiraa.