Sababaa Hongeetiin Namoonni Miliyoona Sadi’ii Ol Gargaarsa Barbaadu, Jedha Mootummaan Naannoo Oromiyaa    

Your browser doesn’t support HTML5

Sababaa Hongeetiin Namoonni Miliyoona Sadi’ii Ol Gargaarsa Barbaadu, Jedha Mootummaan Naannoo Oromiyaa  

Mootummaan naannoo Oromiyaa naanicha keessatti godinaalee kudhan hongeen itti hammaate keessatti namoonni miiliyoona sadi'ii ol beelaaf saaxilamanii jiran deeggarsa akka barbaadan ibseera.

“Deeggarsi amma karaa mootummaa federaalaa, naannoo , dhaabbillee mitimootummaatif namoota dhuunfaan kennamaa jiru kan lubbu baraaruuti” jechuun hoogganaan biiroo koominikeeshinii mootummaa naannoo oromiyaa Obboo Hayiluu Addunyaa dubbataniiru.

Hogganaan kun, sanyiin loon booranaa akka hin badneefii horii lubbuudhan jiran tursiisuudhaa hojjatamaa jiras jedhan.