Ministerri dantaa alaa Yunaayitid Isteets, Antonii Bilinken, Itiyoophiyaa fi Niijeriin daawwachuuf imala jalqabaniin har’a magaalaa guddoo Itiyoophiyaa, Finfinnee jiran. Wal-waraansa waggoota lamaaf naannoo Tigiraay keessatti geggeessamee namoota gara kuma dhibba shanii galaafate keessatti, ajjeechaa fi miidhaalee namoomaa raaw’atamaniif akka itti gaafatamummaan jiraatu Bilinken walga’ii taa’an irratti giddu-gala marii isaanii gochuu qaban, gareeleen mirga namoomaaf falman.
Yakka Farra Namoomaa Itiyoophiyaa Keessatti Raaw’atamaniif Itti-Gaafatamummaan Jiraachuu Qaba: Gareelee Mirga Namaa
Your browser doesn’t support HTML5