Godinaa Booranaa Keessatti Hongeen Bineensota Paarkii Keessa Jiraatanillee Miidhaa Jira, Jedhame    

Your browser doesn’t support HTML5

Godinaa Booranaa Keessatti Hongeen Bineensota Paarkii Keessa Jiraatanillee Miidhaa Jira, Jedhame  

Hongee Godina Booranaatti mudateen bineensonni Paarkii Biyyaalessaa Booranaa keessa jiraatanirra miidhaa geessisuu Paarkichi beeksisee jira. Jaarso Dheengee do’achiisaan paarkichaa VOA’f ibsa kennaniin ka Paarkii Boorana keessatti qofatti argamtu harre-diidoo Itiyoophiyaa fi Keeniyaa keessa qofa jirtu dabalatee bineensonni paarkicha keessaa miidhaa hongeen fideen du’uu dubbate. Harre-diidoon gargaarsa margaa fi bishaanii muraasa qofa akka argatan himee gargaarsi dabalataa bineensota paarkii sana keessaaf dhiyaachuu akka fooyya’uu qabu gaafate. Obbo Araarsaa Raggaasaa hojii gaggeessaan dhaabbata bosonaa fi bineensa bosonaa Oromiyaa dhaabbatichi bineensonni akka hin miidhamneef waan danda’e gargaaraa akka jiru dubbatan. Galmoo Daawit dabalata qaba.