Abbootiin Gadaa fi Maanguddoonni Baalee Aanaan Madda Walaabuu fi Ka Biroon Godinaa Haaraa Keessatti Gurmeessamuu Mormuun Iyyatan

Your browser doesn’t support HTML5

Abbootiin Gadaa fi Maanguddoonni Baalee Aanaan Madda Walaabuu fi Ka Biroon Godinaa Haaraa Keessatti Gurmeessamuu Mormuun Iyyatan

Naannoo Oromiyaa godina Baalee keessatti Madda Walaabuu bakka Odaa Roobaa fi teessoo Sikkoo fi Mandoo waan ta'eef Boorana Bahaatti dabalamuu hin qabu jechuun Abbootiin Gadaa fi jaarsoleen biyyaa iyyata isaanii mootummaa federaalaa fi naannootiif akka dhiheessan himaaniru.

Abbootiin Gadaa fi jaarsoliin Baalee irraa Fifinnee dhufan kun, “mootummaa irraa deebii eeggachaa jirra,” jechuun VOAtti himan. Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Naannoo Oromiyaa obbo Haayiluu Addunyaa, torban dabre ennaa tuta miidiyaaleef ibsa kennan, akka mootummaatti yeroo barbaachisaa tahetti godinalee gurmeessuu dandeenya, jedhan.

Dhiyyeenyuma kana Abbootiin Gadaa Gujii fi jaarsoliin magaalaa Negellee dabalatee aanaaleen godinaa gujii godinaa haaraa, Booranaa Bahaatti dabalamuu hin qaban jechuun iyyata mootummaa federaalaa fi naannoof dhiyeessanii ka turan tahus, gurma'iinsi godinichaa duubatti akka hin deebine mootummaa irraa deebii argachuu isaanii VOAf ibsanii turan.