Miseensotni Mana Maree Bakka Bu’oota Itoophiyaa Naannoo Oromiyaarraa filataman Gamtaan Afriikaafi qaamolee Mootummaa biroof xalayaa erganiin mootummaa fi gurmuulee hidhattootaa jidduutti waraanni taasisamu akka hatattamaan marii nagaan furmaata argatu gaafatanii jiru.
Your browser doesn’t support HTML5
Dhimma kanarratti yeroo 2ffaaf yaada kennuu isaanii kanneen dubbata miseensonni mana maree kun, guyyoota 30 darban keessa Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa, garee hidhattootaa Waraana Bilisummaa Oromootiif waamicha marii nagaa labsaniyyuu deemsi nagaa eegamuu dhabuu isaa Sagalee Ameerikaatti himan.
Wal waraansi naannoo Oromiyaa keessatti adeemsisamu akkaataadhuma kan Naannoo Tigraay keessaa itti furametti akka furmaata argatu Gamtaa Afriikaaf xalayaa erguu isaanii himanii jiru, bakka bu’ootni kunneen.