Gujii Lixaatti Rakkoon Hanqina Nyaataa fi Bishaanii Yaaddessaa Ta’uu Jaarmayaan Tokkummaa Mootummootaa Beeksise  

Your browser doesn’t support HTML5

Gujii Lixaatti Rakkoon Hanqina Nyaataa fi Bishaanii Yaaddessaa Ta’uu Jaarmayaan Tokkummaa Mootummootaa Beeksise 

Tokkummaa Mootummootatti Waajirri Qindeessa Gargaarsa Namoomaa OCHA’n ammas dhibba hongeen kibba itiyoophiyaa godinaa Gujii Lixaatti rakkoon hanqina nyaataa fi bishaanii yaachisaa ta’uu beeksisee jira.

Waajirichi ibsa har’a baaseen, ammas jiraattonni godinichaa dhibbeentaa afurtamii lama ta’an gargaarsa hatattamaa akka barbaadan ifoomseera.

Jiraattonni godina Gujiis, amma gargaarsa hatattamaa akka barbaadan VOA’f himanii haalli gargaarsaa jirus kan qixa rakkoo isaanii hin gitne ta’uu dubbatu.