Waloowwan Oromoo Beekamoon Lama Guyyaa Walaloo Idil-addunyaa Ilaalchisuun Qooda Walaloon Uummata Oromoo Keessatti Qabu Dubbatan  

Your browser doesn’t support HTML5

Waloowwan Oromoo Beekamoon Lama Guyyaa Walaloo Idil-addunyaa Ilaalchisuun Qooda Walaloon Uummata Oromoo Keessatti Qabu Dubbatan

Bitootessi 21 Adduunyaa irratti guyyaa Walalaloo ta’e yaadatama ykn kabajama. Guyyaa kana ilaalchisuudhaan waloowwan Oromoo bebbeekamoo lama, Obbo Zalalem Abarraa magaalaa Heelsinkii ka biyya Fiinlaand Irraa, walaleessaa Lata Qana’ii Aagaa as Yunaayitid Isteetis magaalaa Daalaas ka Teeksas irraa Bafqaaduu Morodaa dubbisee jira.

Waloowwan lameen jireenya uummata tokkoo keessatti walaloon faayidaa guddaa akka qabuu fi uummata Oromoo keessatti haalawwan walaloodhaan ibsaman baay’ee tahuu dubbatan. Kuusaa walaloolee isaanii keessaalee yaadannoo guyyaa walaloo kanaaf dubbisanii jiran.