Addunyaa Irratti Bara 2015 Asitti Namoonni Kuma 119 Tahan Meeshaalee Humna Mormii Bittinneessaaniin Miidhamuun Gabaasame  

  • VOA

FAAYILII - Poolisiin gaazii nama imimmaneessun hiriira yeroo bittinneessu, Lahoree, Paakistaan, Bitootessa 15, 2023.

Bara 2015 qabee naannoo addunyaa irraa uummata 119,000 ta’utu gaazii imimmaansuu fi keemikaala ka biroo dhaan miidhaan kan irra ga’e yoo ta’u kanneen 2,000 ta’an immoo miidhaan xiqqoon irra ga’eera jechuu dhaan gabaasi haaraan roobii kaleessaa ba’e beeksisee jira. Gabaasa sana kan qopheessan hakiimonni garee mirga namaa fi caasaa dhaabolii walabummaa sivilii hamma ammaatti meeshaa waraanaa hunda caalaa jamaa walitti qabame bittinneessuuf tgargaaru jedhan.

Gabaasni kun dhaaba Omega Research Foundation waliin ta’uun kan qophaa’e yoo ta’u, qorannoo kanaaf barreeffamoota walitti qabuu fi ifa taasisuuf waggaa lamaa fi walakkaa fudhate.

Miidhaan dhaqqaabe tokko tokko lubbuu namaa ka galaafate ta’us galmee argame irraa hubachuun akka danda’ametti lakkoofsa waliigalaa namoota du’anii tilmaamuun hin danda’amne jedhu barreessitoonni gabaasa kanaa,Poolisiin, meeshaaleen kun yoo sirnaan itti fayyadaman meeshaa bu'a qabeessa kanneen jeequmsa kaasan bittimsuuf gargaaruu dha.