Kaamilaa Hariis Biyyoottan Afrikaa Daawwachuuf Deemu

Itti aantuu prezidaantii Yunaayitid Isteetis Kamala Hariis

Itti Aantuun Prezidaantii Yunaayitid Isteets Kaamilaa Haariis, daawwanaa biyyoottan Afrikaa Sadii keessatti taasifuuf deeman Dilbata dhufuu Gaanaatti akka jalqaban ibsamee jira. Kamilaa Hariis Imala isaanii Kanaan Gaanaa dabalatee Taanzaniiyaa fi Zaambiyaa akka daawwatan beekameera.

Haanga’aan Mootummaa Yunaayitid Isteets madii oduu Ajaansi Firaans perss/AFP waabeffate akka jedhanitti, Bulchiinsi Prezidaant Joo Baayiden dimoottan adunyaa kan akka jijjirama qileensaa, daldalaa fi gahee Afrikaan dhaabata mootummootaa gamtoomanii keessatti qabduun ardiin Afrikaa Yunaayitid Isteetissf barbaachisumaa tarsiimoo kan qabuudha.

Daawwannaan Kaamilaa haariis waliti dhufeenyaa Afrikaa fi Yunaayitid Isteets isa baraa bulchiinsa Doonaald Traamp laafee turee jabeesuudhaaf sochii Chaayinaa fi Raashaa Afrikaa keessatti jabaachaa adeemaa jirun kan walqabate ta’uun isaas ibsameera.

Kamilaa hariis Dilbataa dhufu ergaa Gaanaa qubatanii boodaa, gaafa Roobii Taanzaaniiyaa , gaafaa Jimaataa immoo Zaambiyaa kan deeman yemuu ta’u, ijoon dubbii hogantootaa biyoottan kana wajjin taasisan, waa’ee liqii, Demokiraasii, guddinaa Diinagdee, wabii nyaataa fi waa’ee walwaraansa Raashaa fi Yuukreen akka ta'e gabaasameera.