Miidiyaa Haaraan Qubee TV Jedhamu Tajaajila Jalqabuuf Jiraachuun Ibsame

  • Tuujubee Horaa

Your browser doesn’t support HTML5

Miidiyaa Haaraan Qubee TV Jedhamu Tajaajila Jalqabuuf Jiraachuun Ibsame

Miidiyaa dhuunfaa haaraan Qubee TV jedhamu garee dargaggoota gaazexeessitootaan hundeeffamee torban darbe Finfinnee-tti eebbifamee banamee jira. Miidyaan kun sagantaa daa’immanii fi dargaggoota irratti ka fuuleffatu ta’uu bu’uursitoota keessaa tokko kan ta’e gaazixeessaa Mubarek Bashir VOAf ibsee jira. Miidiyaan Qubee TV sagantaa bashannana, barnoota, ispoortii, fi sagantaalee biroo dabalatee qabiyyee adda addaa kan dhiyeessu ta’uu nuuf himee jira.

Miidiyaan kun, hanqina miidiyaalee biyyattii keessattuu Oromiyaa keessatti dargaggootaafi daa’imman gama ilaaleen hanqinni jiraachuu irraa kan ka’e waltajjii kana uumuuf kaka’umsaargachuu Mubaarak ibsee jira