Dhukkubni Baay'ee Hamaan Kal Azaar Jedhamu Naannoo Itiyoophiyaa Kibbaa Keessatti Ka'uun Gabaasame  

  • VOA

Adabaabayii Sumuudaa, Hawaasaa, Sadaasa 19, 2019

Weerarri dhukkuuba kala azar,jedhamu hamaan, kan baayyinaan hin mudannee fi lubbuu namaa galaafatu, bulchiinsa naannoo Itiyoophiyaa gama kibbaa mudachuu isaa, qondaaltonni naannoo fi jiraattonni Raadiyoo Sagalee Amerikaaf ibsaniiru.

Akka aangawoonni kun jedhanitti, Godiinoota Gaamoo, Koofaa, Konsoo fi Oomoo Kibbaa dhukkuuba kanaan miidhaan irra gaheera.

Dhibeen Visceral leishmaniasis viseeraal Leeshimaaniyaasiis ykn kala-azar jedhamuunis beekamu Itoophiyaa keessatti rakkoo fayyaa guddachaa dhufe yoo ta’u, waggaatti tilmaamaan namoonni 3700 hanga 7400 akka qabaman qorannoon gaggeeffamee agarsisee jira.

Dhukkubni kun irra caalaa kutaalee kaaba dhiha biyyattii keessatti kan mul’atu ta’u Yonaataan Zabdiwoos gabaasee jira.