Konferensii Gaazii Magaalaa Viyeenaatti Geggeessamaa Jiru Rogeeyyii Kunuunsa Qilleensa Naannoo Irraa Mormiin Mudate  

  • VOA

(Suuraa faayilii)

Konfiraansii Gaazii Awurooppaa Viyeenaa keessatti Wiixata har’a gaggeeffame mormiin kan isa mudatee yoo ta’u, kanas rogeeyyii haala qilleensaatu gaggeesse. Hirmaattonni koonfraansii Sanaa “warra bu’aa waraanaa fi qaala’iinsa jireenyaa” irraa bu’aa argatan jechuun himataniiru.

Walgahii kana irratti, Namoota 250 ol kan hirmaatan yoo ta’u, isaan keessaa itti aanaa pirezidaantii olaanaa dhaabbata anniisaa addunyaa Noorweey keessatti argamu Equinor, itti aanaa pirezidaantii daldala dhaabbata anniisaa Faransaay Liing jedhamu akkasumas bakka bu’oonni Osaka Gas, kan dhiyeessaa anniisaa Siwiidin akkasumas kan Jarmanii akka irratti hirmaatan dhaabatichi walgahii kana gurmeesse beeksisee jira.

Walgahiin kun yeroo “rakkoon qilleensaa mudatee jiru gidduutti gaggeeffamaa jira. Yoo milkaa’an galma digrii 1.5 qabannee kufna jechuu qofa osoo hin taane gara ho’ina qilleensaa digrii lama, sadii, afur ykn illee shanitti ce’aa jirra. Sun balaa lubbuu namoota miliyoonaan lakkaa’aman galaafatudha,'' jedhan mormitoota keessaa tokko Anselm Schindler.

Akka Yaa’iin Gaasii Awurooppaa kun jedhutti, walgahiin kun “gahee yeroo dheeraa gaaziin uumamaa Awurooppaa keessatti qabuu fi ejjennoo inni ce’umsa keessatti qabu kan ilaalu yoo ta’u, galma guutuummaan qilleensa qulqulluu ga’uuf gargaara.

Mata dureewwan ijoonis, erga haariiroon Awurooppaa-Raashiyaan gidduu caccabee booda yeroo dheeraaf dadhabbii inni uumuu kan dabalatudha